Namni waan Rabbiin malee jiruun kakate dhugumatti kafare, yookaan Rabbitti waan biraa qindeesse''

Namni waan Rabbiin malee jiruun kakate dhugumatti kafare, yookaan Rabbitti waan biraa qindeesse''

Ibnu umar irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- dhugumaan inni namicha tokkoo kan akkas jedhu dhagahe: ka'abaadhaan kakadhe hin ta'u. ibnu Umaris ni jedhe: waan Rabbiin malee jiruun hin kakatamu, ani Rasuula Rabbiitii akkas jedhan dhagahe -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-: "Namni waan Rabbiin malee jiruun kakate dhugumatti kafare, yookaan Rabbitti waan biraa qindeesse''.

[sirrii] [tirmizii odeesse - abuu daawud odeesse - ahmad odeesse]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Namni waan Rabbiin, maqoowwan isaatii fi sifoowwan isaatiin ala jiruun kakate dhugaadhaan akka Rabbitti kafare yookaan shaarraksiise himan; kakuun waan isaan kakatame guddisuutti geessa, guddinni daangaa hin qabne kan Rabbii tokkichaa qofaati. Rabbii fi maqoowwan isaatii fi sifoowwan isaatiin malee hin kakatamu -Inni qulqullaa'e-. Kakaan kun shirkii xiqqaa irraayi; garuu yoo namni kakatu waan ittiin kakatu akka Rabbii ol ta'ee guddisutti yookaan isaa olitti guddisa ta'e; yeroo sana shirkii guddoo irraa ta'a.

فوائد الحديث

Kakaan guddisuun haqa Rabbii qofa -inni qulqullaa'e ol ta'e- Rabbii fi maqoowwan isaatii fi sifoowwan isaatiin malee hin kakatamu.

Bololii sahaabonni toltuutti ajajuu fi hamtuu irraa dhoorguu irratti qaban agarsiisa, keessattu badichi kufrii yookaan shirkitti kan rarra'u yoo ta'e.

التصنيفات

shirkii