إعدادات العرض
Namoonni nama zaalima (miidhaa) yeroo arganii harka isaa lamaan hin qabin/ tarkaanfii irratti yoo hin fudhatin Rabbiin adabbii isaatiin isaan walitti qabuun ni dhihaata
Namoonni nama zaalima (miidhaa) yeroo arganii harka isaa lamaan hin qabin/ tarkaanfii irratti yoo hin fudhatin Rabbiin adabbii isaatiin isaan walitti qabuun ni dhihaata
Abuu Bakr Al-siddiiq irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu, akkana jedhe: Yaa namoota, isin Aayaa tana ni qaraatu: {Yaa warra Rabbitti amantan lubbuu keessan (qabuun) isin irra haa jiraatu, yoo isin qajeeltan namni jallate isin hin miidhu}. Ani Ergamaa Rabbiitin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- kan akkana jedhu dhagahe: «Namoonni nama zaalima (miidhaa) yeroo arganii harka isaa lamaan hin qabin/ tarkaanfii irratti yoo hin fudhatin Rabbiin adabbii isaatiin isaan walitti qabuun ni dhihaata».
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी ئۇيغۇرچە Hausa Kurdî Kiswahili Português සිංහල Tiếng Việt دری অসমীয়া Svenska Кыргызча Yorùbá ગુજરાતી नेपाली മലയാളം Română Nederlands Soomaali پښتو తెలుగు Kinyarwanda ಕನ್ನಡ Српски Moore ქართული Čeština Magyar Українська Македонски Lietuvių Azərbaycan Wolof Malagasyالشرح
Abuu Bakr Al-siddiiq Rabbiin irraa haa jaallatu, namoonni aayata tana akka qara’an hime: {Yaa warra Rabbitti amantan lubbuu keessan (qabuun) isin irra haa jiraatu, yoo isin qajeeltan namni jallate isin hin miidhu} Maa'idaa: [105] Namni tokko of tolchuuf qofa carraaquu akka qabu, sana booda warri karaa irraa maqan akka isaan hin miine fi waan gaariitti ajajuu fi badii irraa dhoorguun akka isaan irraa hin barbaachifne hubatu! Akkas akka hin taane fi inni Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- kan akkana jedhan akka dhaga'e isaan barsiise: Namoonni nama zaalima yoo arganii isa dhoorguu irratti dandeettii osoo qabanii isa zulmii isaa irraa dhoorguu baatanii, Rabbiin nama hundumaa kan badii hojjetee fi kan irraa callise adabbii walitti qabu isaanitti fiduun ni dhihaata.فوائد الحديث
Wal gorsuu fi kheyritti wal ajajanii hamtuu irraa wal dhoorguun dirqama Muslimootaati.
Adabbiin Rabbii kan walitti qabaa tahe nama miidhaa tahe miidhaa isaatif, nama callise osoo danda'uu hamtuu irraa callisuu isaatif jecha ni hammata.
Ummata barsiisuu fi barsiisa Qur'aanaa karaa sirrii ta’een akka hubatan gochuudha.
Namni tokko kitaaba Rabbii guddaa hubachuuf tattaaffii gochuun isa irratt dirqama akka taheedha, sababni isaas kitaaba Rabbii ol ta'ee akka hin taanetti akka hin hubanneef jecha.
Qajeellumni gaariitti ajajuu fi badii irraa dhoorguu dhiisuu waliin hin dhugoomu.
Aayaa tanaaf Hiikkaan sirrii: Dilii irraa of eeguu keessatti jabaadhaa, Yoo lubbuu keessan eegdanii gaaritti ajajuu fi hamtuu irraa dhoorguu yoo dadhabdan jallinni nama badii hojjechuun jallatee ofii keessaniif yoo irraa fagaattan isin hin miidhu jechuudha.