إعدادات العرض
Of muudhuus ta'ee nama miidhuun hin jiru
Of muudhuus ta'ee nama miidhuun hin jiru
Abuu Sa'iid Sa'ad ibnu Maalik ibnu Sinaan Al-khudrii irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Of muudhuus ta'ee nama miidhuun hin jiru».
[hasani] [رواه ابن ماجه والدارقطني وغيرهما مسندًا]
الترجمة
العربية Español አማርኛ English اردو Indonesia বাংলা Français Türkçe Русский Bosanski සිංහල हिन्दी 中文 فارسی Tiếng Việt Tagalog Kurdî Hausa Português മലയാളം తెలుగు Kiswahili தமிழ் မြန်မာ ไทย Deutsch پښتو অসমীয়া Shqip Nederlands ગુજરાતી Кыргызча नेपाली Lietuvių دری Српски тоҷикӣ Kinyarwanda Magyar Čeština Moore Malagasy ಕನ್ನಡ Wolof Azərbaycan O‘zbek Українська ქართული Македонски ភាសាខ្មែរ Bambara ਪੰਜਾਬੀ मराठी Kirundi Kurmancî Bahasa Melayuالشرح
Nabiiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- miidhaa gosoota isaa hundaa fi amaloota isaa hundaa waliin lubbuu ofii fi namoota biroo irraas deebisuun dirqama akka ta'e ibsani, nama tokkoofuu, woluma qixatti lubbuu ofiis ta'ee kan nama biraa rakkisuun hin eeyyamamuuf. Akkasumas miidhaa miidhaan deebisuunis isaaf hin eeyyamamu; osoo haqa namaatti hin darbin karaa gumaa baasuutiin yoo ta'e malee, miidhaan miidhaan waan hin deemsifamneef.فوائد الحديث
Hanga miidhaman caalaatti kaffalachuu irraa dhoorguudha.
Rabbiin gabroota isaa waan isaan miidhutti hin ajajne.
Hadiisni kun miidhaa jechaa yookaan gochaa yookaan dhiisuun raawwatamu haraama gochuu keessatti foormulaadha.
Bu'uuraalee shari'aa keessaa: "miidhaan ni deemsifama", sharii'aan miidhaa hin raggaasiftu, miidhuus ni mormiti.
