“Namni qaxxasa/asmaa rarraafate shirkii raawwateera”

“Namni qaxxasa/asmaa rarraafate shirkii raawwateera”

Uqbaa bin Aamir Al-Juhaanii irraa gabaafame Rabbiin irraa haa jaalatu: Tuutni namootaa takka gara Ergamaa Rabbiitti dhufanii, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, nama sagal ahdii godhanii, nama tokko dhiisanii jennaan, isaanis akkana jedhan: Yaa Ergamaa Rabbii nama sagal ahdii gootee isa kan dhiistee? Isaanis akkana jedhan: “inni qaxxasa/asmaa qaba”, isaan akkas jennaan namichi harka isaa keessa galchee ishee kute, sana booda Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- isa ahdii godhanii, akkana jedhan: “Namni qaxxasa/asmaa rarraafate shirkii raawwateera”.

الشرح

Gareen tokko gara Nabiyyitti dhufee, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, lakkoofsi isaanii kudhan turan. Isaan keessaa nama sagal Islaamummaa fi isaan hordofuu irratti ahdii godhanii, kurnaffaa ahdii osoo hin godhin dhiisan, yeroo sababaa sanaa irraa gaafataman nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatuu akkan jedhan: Qaxxasa/asmaa qaba, isheenis waan hamaa ykn ija budaa ofirraa ittisuuf jecha callee ykn wantoota biroo irraa mormatti ykn qaamatti hidhamu ykn fannifamuudha. Namichis harka isaa bakka qaxxisa/asmaa galchee, irraa kutee, ofirraa baase. Nabiyyiin nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu yeroo sanatti ahdii isa godhanii, akkas jedhe, Qaxxisa/asmaa irraa akeekkachiisu fi murtii ishee ibsuuf akkana jedhan: “Namni qaxxisa/asmaa godhate shirkii raawwateera”.

فوائد الحديث

Namni Rabbiin alatti waan biraatti hirkate Rabbiin faallaa yaada isaa saniin isa ilaala.

qaxxasa/asmaa fannifachuun miidhaa fi ija budaa namarraa ittisuu keessatti sababaa ta'a jedhanii yaaduun shirkii xiqqaadha, yoo wanni fannifatan kun ofii isaatii nama fayyada jedhanii yaadan ammoo inni shirkii guddaadha ta'a.

التصنيفات

tawhiida gabbaramummaa