إعدادات العرض
''Namni hajjii godhee qunnamtii saalaa isa keessatti hin raawwatin, akkasumas kan hin fincilin (ajaja Rabbiitiin ala kan hin bahin) akka guyyaa haati isaa isa deesseetti deebi'a''
''Namni hajjii godhee qunnamtii saalaa isa keessatti hin raawwatin, akkasumas kan hin fincilin (ajaja Rabbiitiin ala kan hin bahin) akka guyyaa haati isaa isa deesseetti deebi'a''
Abbaa hurayraa irraa odeeffame -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Nabiyyii isaanii jedhuun dhaga'e -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaanii irratti haa buusu- ''Namni hajjii godhee qunnamtii saalaa isa keessatti hin raawwatin, akkasumas kan hin fincilin (ajaja Rabbiitiin ala kan hin bahin) akka guyyaa haati isaa isa deesseetti deebi'a''
[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Türkçe اردو 中文 हिन्दी ئۇيغۇرچە Kurdî Hausa Português മലയാളം తెలుగు Kiswahili தமிழ் မြန်မာ Deutsch 日本語 پښتو Tiếng Việt অসমীয়া Shqip Svenska Čeština ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá Nederlands සිංහල ไทย دری Akan Azərbaycan Български Fulfulde Magyar Italiano ಕನ್ನಡ Кыргызча Lietuvių Malagasy नेपाली or Română Kinyarwanda тоҷикӣ O‘zbek Moore Wolof Српски Soomaali bm Українська Tagalog rn km ქართული Македонски Lingalaالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hadiisa kana keessatti akkana jechuudhan ibsan: namni Rabbii ol ta'eef hajjii godhe osoo isa keessatti qunnamtii saalaa hin raawwatin, rafasa jechuun qunnamtii saalaatii fi adda duree isaa kan akka dhungoo fi walitti dhiheenya qaamaati, akkasuma jechi badaanis rafasa ni jedhama. Akkasuma namni Rabbii ol ta'eef hajjii godhe osoo ajaja Rabbii hin faallessine, diliiwwanii fi badiiwwan hojjachuun, ajaja Rabbii faallessuu irraa dhoorgaawwan ihraamaa hojjachuudha, hajjii isaa irraa diliin isaa hundi haala isaaf dhiifameen deebi'a, akka daa'imni badiiwwan irraa qulqulluu ta'ee dhalatutti.فوائد الحديث
Ajaja Rabbii faallessuun yeroo hundumaa dhoorgaa ta'us, sirna hajjii keessatti kabajaa ibaadaawwan hajjiif jecha isa irraa dhoorguun jabaadha ta'a.
Ilmi namaa dilii irraa qulqulluu ta'ee badiin maletti dhalata, dogongora nama biraas hin baadhatu.
التصنيفات
sadarkaa hajjiifii umraa