إعدادات العرض
akkas jenneen: Ati gooftaa keenya, isaanis akkas jedhan: “Gooftaan Rabbiin qofa”, ammas nuti ni jenne: ati gama sadarkaatii irra caalaa keenya, akkasumas gama arjummaatii ati irra guddaa keenya, isaanis ni jedhan: “jecha keessan jedhaa, ykn garii jecha keessanii jedhaa, Sheyxaanni waan fedhe…
akkas jenneen: Ati gooftaa keenya, isaanis akkas jedhan: “Gooftaan Rabbiin qofa”, ammas nuti ni jenne: ati gama sadarkaatii irra caalaa keenya, akkasumas gama arjummaatii ati irra guddaa keenya, isaanis ni jedhan: “jecha keessan jedhaa, ykn garii jecha keessanii jedhaa, Sheyxaanni waan fedhe akka isinitti hin fayyadamne”
Abdullaah bin Al-shikhiir irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Jiila warra Banii Aamiir waliin gara Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhufee, akkas jenneen: Ati gooftaa keenya, isaanis akkas jedhan: “Gooftaan Rabbiin qofa”, ammas nuti ni jenne: ati gama sadarkaatii irra caalaa keenya, akkasumas gama arjummaatii ati irra guddaa keenya, isaanis ni jedhan: “jecha keessan jedhaa, ykn garii jecha keessanii jedhaa, Sheyxaanni waan fedhe akka isinitti hin fayyadamne”.
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी ئۇيغۇرچە Hausa Kurdî Kiswahili Português සිංහල Svenska ગુજરાતી Yorùbá Tiếng Việt پښتو অসমীয়া دری Кыргызча or नेपाली తెలుగు Čeština Română Kinyarwanda മലയാളം Nederlands Soomaali Lietuvių Српски Українська Shqip ಕನ್ನಡ Wolof ქართული Moore Azərbaycan Magyar தமிழ் Македонски Malagasy Deutschالشرح
Gareen tokko gara Nabiyyitti dhufanii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo isaan bira gahan jechoota tokko tokko kan Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hin jaallanneen isaan faarsan, Ni jedhan: “Ati gooftaa keenya”, Isaanis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhaniin: "Gooftaan Rabbiin qofa" Uumama Isaa irratti gooftummaa guutuu kan qabu Isuma qofa, uumamni hundi gabroota Isaati. Isaanis akkas jedhan: Ati "gama sadarkaatii irra caalaa keenya" gama kabajaatihis ati irra ol aanaa keenya. Ati “gama arjumaatii irra guddaa keenya” akkasumas ati gama kennaatii irra hedduu keenya. Eegasii Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- haasaa isaanii kan barame akka dubbatan, jechoota hin jirre dubbachuuf akka hin rakkinnee fi gara daangaa darbuu shirkii fi wantoota shirkitti geessan irraa waan haraama ta'e keessa nama galchutti sheyxaanni akka isaan hin harkifne isaan qajeelchan. فوائد الحديث
Lubbuu sahaaboota isaanii keessatti Guddina sadarkaa Nabiyyiiti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-, akkasumas kabajaa sahaaboonni isaanii isaanif qabaniidha.
Jechoota keessatti of dirqisiisuu irraa dhoorguu fi yeroo dubbatan of qusachaa dubbachuun barbaachisaa ta'uudha.
Jechoota fi gochoota towhiida irratti rakkoo fidan irraa towhiida eeguudha.
Karaa ittiin sheyxaanni namatti galuun keessaa tokko waan ta’eef daangaa darbuu irraa dhoorguudha.
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sayyida ilmaan Aadam yoo ta'an, wanni hadiisicha keessatti dhufe of gadi qabuu irraa kan ka'ee fi ummanni isaanii isaan keessatti daangaa darbuu sodaa irraa kan ka'eeniidha.
التصنيفات
nabii keenya muhammad s.a.w.