Aayaa tokkollee taatu ana irraa geessaa, banii israa'iil irraas odeessaa badii hin qabuutii, namni beekaa ana irratti sobe ibidda keessatti teessuma isaa haa mijjeeffatu

Aayaa tokkollee taatu ana irraa geessaa, banii israa'iil irraas odeessaa badii hin qabuutii, namni beekaa ana irratti sobe ibidda keessatti teessuma isaa haa mijjeeffatu

Abdullaah ilma Umar irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- dhugumaan Nabiyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Aayaa tokkollee taatu ana irraa geessaa, banii israa'iil irraas odeessaa badii hin qabuutii, namni beekaa ana irratti sobe ibidda keessatti teessuma isaa haa mijjeeffatu".

[sirrii] [Bukhaariitu gabaase]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- beekumsa Qur'aanaa yookaan Hadiisaa isaan irraa geessuutti ajajan, osoodhuma wantichi geeffamu muraasa ta'eellee, akka Aayaa takka tan Qur'aanaa, yookaan Hadiisa tokkooti, ulaagaa waan geessuu fi itti waamu sana beekuutiin. Eegasii banii israa'iil irraa taatewwan isaan mudatte kan shari'aa keenya hin faallessine yoo ta'e odeessuun rakkoo akka hin qabne ifa galchan. Eegasii isaan irratti sobuu irraa sodachisan, namni beekaa isaan irratti sobe lubbuu isaatiif ibidda keessatti mana haa godhatu jedhan.

فوائد الحديث

Shari'aa Rabbii geessuutti kakaasuu, namni waan haffazee fi hubate osoo xiqqoollee ta'e geessuutu isa irra jiraadha.

Beekumsa shari'aa barbaaduun dirqama ta'uudha, Rabbiin gabbaruu fi shari'aa isaa haala sirriitiin geessuu akka danda'anuuf jecha

Sirrummaa Hadiisa kamiiyyuu isa geessuu yookaan raabsuun duratti mirkaneeffachuun dirqama ta'uudha, akka sodaachisa jabaa kana keessa hin seenne of eeguuf jecha.

Haasaa keessatti dhugaa dubbachuu fi Hadiisa odeessuu keessatti of eeggannoo gochuutti kakaasuudha, akka sobatti hin galleef jecha, keessattuu shari'aa Rabbii ol ta'ee keessatti.

التصنيفات

barbaachisummaa sunnaafii sadarkaa isii, murtii gara Rabbiitti yaamuu