إعدادات العرض
Firooma fufaan waan isaaf godhan irratti galata kan deebisu osoo hin taane, garuu firooma fufaan isa yeroo firummaan isaa muramte isii fufuudha
Firooma fufaan waan isaaf godhan irratti galata kan deebisu osoo hin taane, garuu firooma fufaan isa yeroo firummaan isaa muramte isii fufuudha
Abdullaah ilma umar irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Firooma fufaan waan isaaf godhan irratti galata kan deebisu osoo hin taane, garuu firooma fufaan isa yeroo firummaan isaa muramte isii fufuudha".
[sirrii] [Bukhaariitu gabaase]
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी Tiếng Việt සිංහල ئۇيغۇرچە Kurdî Hausa Português മലയാളം မြန်မာ Deutsch 日本語 پښتو অসমীয়া Shqip Svenska Čeština ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá Nederlands తెలుగు Kiswahili தமிழ் ไทย دری Български Fulfulde Magyar Italiano ಕನ್ನಡ Кыргызча Lietuvių Malagasy or Română Kinyarwanda тоҷикӣ O‘zbek Akan नेपाली Moore Azərbaycan Wolof Soomaali Українська km bm rn ქართული mkالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni himan Dhugumatti firooma fufuu fi firatti tola ooluu keessatti namni guutuun nama toltuu toltuun deebisuu miti, Dhugumatti firooma fufaan kan firooma fuufuu keessatti guutuu ta'e isa yeroo firoomni isaa muramte isii fufuudha, yoo isatti balleessanillee; inni immoo isaanitti tola ooluun isaaniif deebisa.فوائد الحديث
Firooma fufuun shari'aa keessatti fudhatama qabu kan si mure fufuudha, nama si miidheef irra darbuu fi nama si dhoorgateef kennuudha malee fufuu galata deebisuutii fi kafallaatii miti.
Firooma fufuun toltuu irraa qabeenya, du'aa'ii, toltuutti ajajuu, hamtuu irraa dhoorguu fi kan kana fakkaatan qaqqabsiisuun ta'a, akkasumas waan danda'ameen hamtuu isaan irraa deebisuun ta'a.
التصنيفات
hawaasa muslimaa