إعدادات العرض
Namni nama muslimoota waliin walii galteen jiru ajjeese urgooftuu Jannataa hin argu urgooftuun ishees fagoo waggaa afurtamaa irraa argama
Namni nama muslimoota waliin walii galteen jiru ajjeese urgooftuu Jannataa hin argu urgooftuun ishees fagoo waggaa afurtamaa irraa argama
Abdullaah ilma Amrii irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-akkas jedhan: "Namni nama muslimoota waliin walii galteen jiru ajjeese urgooftuu Jannataa hin argu urgooftuun ishees fagoo waggaa afurtamaa irraa argama".
الترجمة
العربية Bosanski English فارسی Français Русский हिन्दी Bahasa Indonesia 中文 বাংলা اردو Español Kurdî Português മലയാളം తెలుగు Kiswahili தமிழ் සිංහල မြန်မာ ไทย 日本語 پښتو Tiếng Việt অসমীয়া Shqip Svenska Čeština ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá Nederlands ئۇيغۇرچە Türkçe Hausa دری Кыргызча Lietuvių Kinyarwanda नेपाली Italiano or ಕನ್ನಡ Română Soomaali Српски Wolof Українська Tagalog Moore Malagasy Azərbaycan ქართული Magyar mrالشرح
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa haa jiraatu- nama nama walii galtee muslimtoota waliin qabu ajjeesse -innis kaafiroota irraa walii galtee nageenyatiin nama gara biyya islaamaa dhufe- urgooftuu jannataa arguu dhabuun doorsisni cimaan akka isa irra jiru ibsan, urgaan jannataa fageenya imala waggaa afurtamaa irraa akka dhahuus dubbataniiru.فوائد الحديث
Kaafiroota irraa mu'aahad, zimmiyyii fi musta'aman ajjeesuun haraama yoo ta'u, innis diliiwwan gurguddoo irraa akka ta'eedha.
Mu'aahad jechuun: Nama kaafiroota irraa walii galteen irraa fuudhamee biyya isaa keessa jiraatu, kan Muslimootan hin lolle, isaanis isaan kan hin lolleedha.
Zimmiyyii jechuun: Jechuun nama biyya muslimoota keessa qubatee gibira kaffalaa jiraatuu dha.
Musta'aman jechuun: nama yeroo murtaa’eef walii galtee nageenyatiin biyya muslimootaa seeneedha.
Namoota Muslima hin taane waliin walii galtee diiguu/ganuu irraa akeekkachiisuudha.