إعدادات العرض
Barreessi, Isa lubbuun koo harka isaa jirtutti kakadhee, waan dhugaa ta'e malee irraa hin bahu
Barreessi, Isa lubbuun koo harka isaa jirtutti kakadhee, waan dhugaa ta'e malee irraa hin bahu
Abdullaah bin Amrii irraa odeeffame, Rabbiin isaan lamaan irraa haa jaalatu akkana jedhe: Waan Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- irraa dhagahu kanin isa sammutti qabachuu barbaade hunda barreessaa ture yoon ta'u, Qureeyshiin na dhoorgitee, akkas naan jedhan: Waan Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- irraa dhageessu hunda barreessitaa, bar Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ilma namaati, haala aarii qabuu fi gammachuu qabu keessatti ni dubbata? isaan akkana naan jennaanin barreessuu irraa of qusadhee, sana Ergamaa Rabbiitti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- hime, isaanis quba isaanitin gara afaan isaanitti akeekanii, akkana naan jedhan: "Barreessi, Isa lubbuun koo harka isaa jirtutti kakadhee, waan dhugaa ta'e malee irraa hin bahu".
الترجمة
العربية English မြန်မာ Svenska Čeština ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá Nederlands اردو Bahasa Indonesia ئۇيغۇرچە বাংলা Türkçe සිංහල हिन्दी Tiếng Việt Hausa తెలుగు Kiswahili ไทย پښتو অসমীয়া دری Кыргызча Lietuvių Kinyarwanda नेपाली മലയാളം Bosanski Italiano ಕನ್ನಡ Kurdî Română Shqip Soomaali Српски Українська Wolof Moore Tagalog Malagasy தமிழ் Azərbaycan فارسی ქართული 中文 Magyarالشرح
Abdullaah bin Amrii, Rabbiin irraa haa jaalatu, akkana jedhe: Waan Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- irraa dhagahe hunda, barreeffamaan qomatti qabachuuf jecha barreessaa ture, garuu namoonni Qureyshii irraa ta'an wahii na dhoorganii, akkas naan jedhan: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ilma namaati, haala gammachuu qabuu fi aarii qabu keessatti ni dubbata yoo ta'u, dogongoru danda'a, kanaaf ani barreessuu dhiise. Waan isaan jedhan Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu-hime, isaanis quba isaanitiin afaan isaanitti akeekanii akkana jedhan: Barreessi, Isa lubbuun koo harka isaa keessa jirtuun kakadhe, haaluma hundaa fi jaalalaa fi aarii keessatti haqa malee irraa hin bahu. Rabbiin ol ta'e waa'ee Nabiyyii Isaa -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo dubbatu akkana jedha: {Inni fedha lubbuu irraa hin dubbatu * inni (wanni inni dubbatu) wahyii buufamu qofa} [Annajm: 3-4].فوائد الحديث
Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- waan Rabbii isaanii irraa dabarsan keessatti yeroo jaalalaa fi aarii keessattis dogonggora irraa tikfamoodha.
Sahaabaan Rabbiin isaan irraa haa jaalatu, sunnaa qomatti qabachuu fi dabarsuu keessatti fedhii guddaa akka qabaniidha.
Osoo kakachiisuun malettillee ta'ee waa tolchuu fi waa jabeessuuf jecha kakachuun akka danda'amuudha.
Beekumsa barreeffamaan qabachuun irra barbaachisaa sababoota beekumsa tiksanii akka ta'eedha.