Osoo dhimmi keessan nama tokko irratti walitti qabamee jiruu, nama gargar isin baasee tokkummaa keessan balleessuuf gara keessan dhufe ajjeesaa

Osoo dhimmi keessan nama tokko irratti walitti qabamee jiruu, nama gargar isin baasee tokkummaa keessan balleessuuf gara keessan dhufe ajjeesaa

Arfaajaa irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- kan akkana jedhanin dhagahe: "Osoo dhimmi keessan nama tokko irratti walitti qabamee jiruu, nama gargar isin baasee tokkummaa keessan balleessuuf gara keessan dhufe ajjeesaa".

[Sahih/Authentic.] [Muslim]

الشرح

Nabiyyiin, nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu Muslimoonni bulchaa tokkoo fi garee tokko irratti yoo walitti qabamanii, eegasii namni motummaa isatti falmuu barbaadu yoo dhufe, ykn Muslimoota garee tokkoo adda babaasuu barbaadu yoo dhufe, isa dhoorganii isaan loluun dirqama isaan irratti akka ta'e ibsan, sababni isaas miidhaa isaa ofirraa deebisanii dhiigni muslimootaa akka gad hin jigne taasisuuf jecha.

فوائد الحديث

Yoo dilitti nama hin ajajin, bulchaa Muslimaa dhaggeeffachuu fi isaaf ajajamuun dirqama tahuu fi isa irratti ficiluun haraama ta'uudha.

Namni imaama Muslimootaa fi garee isaanii irratti fincilu sadarkaa, kabajaa fi hidda dhaloota isaa osoo hin ilaalin isaan loluun dirqama ta'aadha.

Tokkummaa irratti kakaasuudha, akkasumas wal qoqqooduu fi walii galuu dhabuu dhiisuu irratti kakaasuudha.