إعدادات العرض
Osoo dhimmi keessan nama tokko irratti walitti qabamee jiruu, nama gargar isin baasee tokkummaa keessan balleessuuf gara keessan dhufe ajjeesaa
Osoo dhimmi keessan nama tokko irratti walitti qabamee jiruu, nama gargar isin baasee tokkummaa keessan balleessuuf gara keessan dhufe ajjeesaa
Arfaajaa irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- kan akkana jedhanin dhagahe: "Osoo dhimmi keessan nama tokko irratti walitti qabamee jiruu, nama gargar isin baasee tokkummaa keessan balleessuuf gara keessan dhufe ajjeesaa".
[sirrii] [Muslimtu gabaase]
الترجمة
العربية Bosanski English فارسی Français Русский اردو हिन्दी Bahasa Indonesia 中文 বাংলা ئۇيغۇرچە Español Kurdî Português മലയാളം తెలుగు Kiswahili தமிழ் සිංහල မြန်မာ ไทย 日本語 پښتو Tiếng Việt অসমীয়া Shqip Svenska Čeština ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá Nederlands Türkçe Hausa دری Кыргызча Lietuvių Kinyarwanda नेपाली Italiano or ಕನ್ನಡ Română Soomaali Српски Wolof Українська Tagalog Moore Malagasy Azərbaycan ქართული Magyarالشرح
Nabiyyiin, nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu Muslimoonni bulchaa tokkoo fi garee tokko irratti yoo walitti qabamanii, eegasii namni motummaa isatti falmuu barbaadu yoo dhufe, ykn Muslimoota garee tokkoo adda babaasuu barbaadu yoo dhufe, isa dhoorganii isaan loluun dirqama isaan irratti akka ta'e ibsan, sababni isaas miidhaa isaa ofirraa deebisanii dhiigni muslimootaa akka gad hin jigne taasisuuf jecha.فوائد الحديث
Yoo dilitti nama hin ajajin, bulchaa Muslimaa dhaggeeffachuu fi isaaf ajajamuun dirqama tahuu fi isa irratti ficiluun haraama ta'uudha.
Namni imaama Muslimootaa fi garee isaanii irratti fincilu sadarkaa, kabajaa fi hidda dhaloota isaa osoo hin ilaalin isaan loluun dirqama ta'aadha.
Tokkummaa irratti kakaasuudha, akkasumas wal qoqqooduu fi walii galuu dhabuu dhiisuu irratti kakaasuudha.
التصنيفات
hoogganarratti finciluu