Jibriil haqa ollaa naaf dhaamuu irraa booda hin jenne, hangan isa ni dhaalchisa jedhee yaadu tokkotti

Jibriil haqa ollaa naaf dhaamuu irraa booda hin jenne, hangan isa ni dhaalchisa jedhee yaadu tokkotti

Abdullaah ilma Umar irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Jibriil haqa ollaa naaf dhaamuu irraa booda hin jenne, hangan isa ni dhaalchisa jedhee yaadu tokkotti".

[sirrii] [Muslimtu gabaase - Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Jibriil waan ollaa isaan irratti deddeebisuu fi ollatti yaaddawuutti ajajuu akka hin dhiisin hin himan, ollaan isa manaan dhihoo, muslimas ta'ee kaafira, firas ta'ee kan biraa, haqa isaa eeguu fi azaa isa gochuu dhabuun, akkasuma tola isatti ooluu fi azaa isaa irratti obsuun, haqa ollaa guddisuu fi Jibriil sana irra deddeebi'uu irraa kan ka'een hanaga Nabiyyiin -Rabbiin raahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- wahyiin qabeenya ollaa isaa kan booda du'a isaatii bakka isaa bu'u isaaf kennuutti ajajuun bu'a jedhanii yaadanutti.

فوائد الحديث

Haqni ollaa guddaa ta'uu isaatii fi sana eeguun dirqama ta'uu isaati.

Dhaamsaan haqa ollaa irratti jabeessuun isa kabajuu, gara isaatti jaallatamuu barbaaduu fi isatti tola ooluun hafiinsa kan hin qabne ta'uu akeeka, akkasumas miidhaa isa irraa deebisuu, yero dhukkubaatti isa gaafachuu, yeroo gammachuutti isa eebbisuu fi yeroo balaatti isa obsisiisuunis hafiinsa kan hin qabne ta'uu akeeka.

Balbalti ollaan hanguma irra dhihoo ta'een haqni isaas irra jabaa ta'a.

Ollaatti tola ooluu fi miidhaa isaan irraa deebisuu keessatti waan toliinni hawaasaa keessa jiru kan shari'aan ittiin dhufte keessatti guutina shari'aatu jira.

التصنيفات

araaraafii seera ollummaa