Namni tokko gara Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- dhufee, dhimma wahii keessatti isaan dubbisee, akkas jedheen: "Waan Rabbiin fedhee fi waan ati feete", Nabiyyiinis -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- ni jedhan: “Rabbi waliin qixa na gootee? waan Rabbi qofti…

Namni tokko gara Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- dhufee, dhimma wahii keessatti isaan dubbisee, akkas jedheen: "Waan Rabbiin fedhee fi waan ati feete", Nabiyyiinis -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- ni jedhan: “Rabbi waliin qixa na gootee? waan Rabbi qofti fedhe” jedhi

Ibnu Abbaas irraa odeeffame Rabbiin isaan lamaan irraa haa jaalatu: Namni tokko gara Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- dhufee, dhimma wahii keessatti isaan dubbisee, akkas jedheen: "Waan Rabbiin fedhee fi waan ati feete", Nabiyyiinis -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- ni jedhan: “Rabbi waliin qixa na gootee? waan Rabbi qofti fedhe” jedhi.

[sanadni isaa hasani] [ibnu maajah, nasa'iin kubraa keessatti, ahmad odeessan]

الشرح

Namni tokko gara Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- dhufee, dhimma isaa wahii keessatti isaan dubbisee, eegasii akkas jedheen: “Waan Rabbiin fedhee fi waan ati feete”, Nabiyyiinis -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- dubbii kana balaaleffachuun fedhii uumama tokkoo fedhii Rabbii waliin qubee “waw” jedhu fayyadamuun walitti qabanii dubbachuun shirkii xixiqqaa namni muslimaa isa dubbachuun hin hayyamamne akka ta’e itti himan. Eegasii gara jecha dhugaatti isa qajeelchan: "Waan Rabbi qofti fedhe", haaluma kamiinuu ta'ee fedha nama biraa osoo fedha Isaatin walitti hin qabne fedha Isaa keessatti Rabbiin adda baasuudha qaba.

فوائد الحديث

Waan Rabbiin fedhee fi waan ati feete jechuu fi waan isa keessa qubee "waw" fayyadamuun fedha gabrichaa fedha Rabbitti hidhuun jiru irraa jechoota isaan fakkaatan irraa dhoorguudha; sababni isaas inni waan shirkii xiqqaa ta'eef jecha.

Dogongora mormuun dirqama ta'uudha.

Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- tokkichummaa Rabbii kan tiksanii fi daandiiwwan shirkii kan cufan ta'uu isaaniti.

Badii yeroo balaaleffannu nama waamamaa jiru san fakkeenyummaa Nabiyyii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- hordofuun gara filannoo hayyamamaa ta'eetti isa qajeelchuun gaarii ta'uudha.

Jecha isaanii nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, hadiisa kana keessatti: “Waan Rabbi qofti fedhe” jedhu fi jecha isaanii kan hadiisa biraa keessatti dubbatame: “Waan Rabbiin fedhe, sana booda waan ati feete” jedhu walitti yoo araarsinu,

“Waan Rabbiin fedhe, sana booda waan ati feete” jechuun ni hayyamama, garuu “Waan Rabbi qofti fedhe” jechuutu caala.

“Waan Rabbiin fedhe, san booda waan ati feete” jechuun siif ni ta'a, garuu “Waan Rabbi qofti fedhe" jechuutu caala.

التصنيفات

tawhiida gabbaramummaa