''Akka nasaaraan ilma Maryam faarsuu keessatti daangaa dabartetti yeroo na faarsitan daangaa hin darbinaa, ani garbicha Rabbii qofa: kanaafuu garbicha Rabbii fi ergamaa Isaati jedhaa

''Akka nasaaraan ilma Maryam faarsuu keessatti daangaa dabartetti yeroo na faarsitan daangaa hin darbinaa, ani garbicha Rabbii qofa: kanaafuu garbicha Rabbii fi ergamaa Isaati jedhaa

Umar ilma Khaxxaab irraa odeeffamee -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Nabiyyiidhaa akkas jedhanin dhaga'e -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-: ''Akka nasaaraan ilma Maryam faarsuu keessatti daangaa dabartetti yeroo na faarsitan daangaa hin darbinaa, ani garbicha Rabbii qofa: kanaafuu garbicha Rabbii fi ergamaa Isaati jedhaa".

[sirrii] [Bukhaariitu gabaase]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sifowwan Rabbii ol taée fi hojii dhuunfaa Isaatiin isaan faarsuu fi haala isaanii ibsuu keessatti daangaa shari'aa darbuu irraa dhoorgan, yookaan isaan waan dhokataa ni beekan jechuudhaan, ykn Rabbiin waliin ni waammataman jechuudhaan, akkuma nasaaraan Iisaa ilma maryam -nageenyi irratti haa jiraatu- waliin dalaganitti daangaa shari'aa darbuu irraa dhoorgan. Eegasii isaan gabroota Rabbii keessaa tokko akka ta'an ibsan, akkasumas akka nuti isaan: garbicha Rabbii fi ergamaa Isaati jennu nu ajajan.

فوائد الحديث

Kabajuu fi faarsuu keessatti daangaa shari'aa darbuu irraa sodaachisuudha; sun waan inni gara shirkiitti geessuuf jecha.

Wanti Nabiyyiin irraa sodaachisan dhugumatti ummata kana keessatti argamee jira, gareen wohii ergamaatti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas hojjatte, gareen wohii immoo Ahlal baytiitti hojjatte, gareen biroo immoo woliyyootatti sana hojjatte, kanaan shirkii keessa galan.

Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhugumaan akka garbicha Rabbi ta'etti of ibsan; isaan akka garbicha Rabbiif guddifame kan waan dhuunfaa Rabbii irraa waa tokkolleen isaanif kennamuun hin taane ta'uu ifa galchuuf jecha.

Rasuulli Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akka ergamaa Rabbii ta'an of ibsan; isaan dhugumaan ergamaa Rabbiin biraa ergame kan dhugoomsuu fi hordofuun isaa dirqama ta'e ta'uu ibsuuf jecha.

التصنيفات

tawhiida gabbaramummaa