Yeroo mana fincaanii dhuftan Qiblaatti fuulaan gara hin galinaa, duubanis gara itti hin galinaa, garuu gara bahatti ykn gara dhihaatti gara galaa

Yeroo mana fincaanii dhuftan Qiblaatti fuulaan gara hin galinaa, duubanis gara itti hin galinaa, garuu gara bahatti ykn gara dhihaatti gara galaa

Abuu Ayyuub Al-Ansarii irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu, Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irratti haa jiraatu- akkana jedhan: «Yeroo mana fincaanii dhuftan Qiblaatti fuulaan gara hin galinaa, duubanis gara itti hin galinaa, garuu gara bahatti ykn gara dhihaatti gara galaa» Abuu Ayyuub akkana jedhe: shaam dhufnee mana fincaanii gara Qiblaatti garagalfmee kan ijaarame ta'uu argine, irraa garagallee fayyadamnee, Rabbii ol ta'e dhiifama gaafanna.

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- namni fincaan ykn sagaraa barbaade qiblatti fuula garagaluufii duuyda garagalus dhoowwan, yoo qiblaan isaa akka warra madiinaa tahe, gara bahaa ykn dhihaatti akka garagalu ajajan. Eegasii Abuu Ayyuub Rabbiin irraa haa jaallatu, yeroo gara shaam dhufan, mana fincaanii qophaa’e gara qiblaa kaabaatti gargalee akka ijaarame hime, kanaaf isaan qaama isaanitiin qiblaa irraa kan garagalan ta'an, kana waliinuu Rabbiin dhiifama kan gaafatan ta'an.

فوائد الحديث

Ogummaan sanaan keessa jiru Ka'abaa kabajamtuu kabajuu fi ulfeessuudha.

Eddoo fincaanii irraa erga bahanii Rabbiin dhiifama gaafachuudha.

Gaarummaa Barsiisa Nabiyyiiti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu; sababni isaas isaan yeroo waan dhoorgame dubbatan gara waan hayyamamutti waan qajeelchaniif jecha.

التصنيفات

najisa xahaarsuu, naamusa mana fincaanii