إعدادات العرض
Hundi ummata kootii jannata ni seenu nama dide malee
Hundi ummata kootii jannata ni seenu nama dide malee
Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Hundi ummata kootii jannata ni seenu nama dide malee", yaa Ergamaa Rabbii enyuma kan didu? jedhan (sahaaboonni), Ergamaanis ni jedhan: "Namni naaf ajajme jannata seene, namni na faallesse immoo dhugumatti jannata didee jira".
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी Kurdî Hausa Português മലയാളം తెలుగు Kiswahili தமிழ் မြန်မာ Deutsch 日本語 پښتو Tiếng Việt অসমীয়া Shqip Svenska Čeština ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá Nederlands ئۇيغۇرچە සිංහල ไทย دری Fulfulde Magyar Italiano ಕನ್ನಡ Кыргызча Lietuvių or Română Kinyarwanda Српски O‘zbek Moore नेपाली Malagasy тоҷикӣ Wolof Soomaali Български Українська Azərbaycan ქართული bm Македонскиالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- nama dide malee hundi ummata isaanii jannata akka seenan himani. Sahaabonni -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhan: Eenyu inni didu yaa Ergamaa Rabbii?! Namni ergamaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jala butamee, isaan hordofee fi isaaniif ajajamee jannata seena, namni isa faallesse kan shari'aan hin bulle immoo hojii isaa badduudhaan dhugaan jannata seenuu didee jira jedhanii deebii isaaniif kennan.فوائد الحديث
Ergamaadhaaf ajajamuun -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiif ajajamuu irraayi, isaan faallessuun Rabbiin faallessuu irraayi.
Nabiyyiif ajajamuun -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jannata dirqama gooti, isaan faallessuun immoo ibidda dirqama gooti.
Ummata tana irraa worra Rabbiif ajajamaniif gammachuutu jira, hundi isaaniituu jannata seenu, nama Rabbii fi eErgamaa Isaa faallesse malee.
Ummata isaaniitiif laphee baachuu isaaniitii fi qajeeluma isaanii irratti bololuu isaaniitu hadiisicha keessa jira -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-.
التصنيفات
nabii keenya muhammad s.a.w.