waamicha salaataaf taasifamu ni dhageessaa?» namtichis eeyyeen nan dhaga'a jedhe, isaanis ni jedhaniin: «owwaadhu

waamicha salaataaf taasifamu ni dhageessaa?» namtichis eeyyeen nan dhaga'a jedhe, isaanis ni jedhaniin: «owwaadhu

Abuu Hurayraa irraa akka odeeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Namichi jaamaan tokko gara Nabiyyiitti dhufuun -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhe: yaa ergamaa Rabbii namni gara masjiidaatti na qajeelchu hin jiru jedhee, mana isaatti salaatuu akka isaaf eeyyamaniif ergamaa Rabbii gaafatee jennaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaaf eeyyamani, yeroo inni deemuuf garagalu isa waamanii, akkas jedhaniin: «waamicha salaataaf taasifamu ni dhageessaa?» namtichis eeyyeen nan dhaga'a jedhe, isaanis ni jedhaniin: «owwaadhu».

[sirrii] [Muslimtu gabaase]

الشرح

Namichi jaamaan gara nabiyyiitti dhufuun -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhe: yaa ergamaa Rabbii slaata shanan irratti nama na gargaaree masjiidatti na geessu hin qabu, nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- salaata jamaa'aa dhiisuu akka isaaf eeyyaman fedheeti, isaanis isaaf eeyyamani, yeroo inni deemuuf gargale isa waamani akkas jedhaniin: waamicha salaataaf taasifamu ni dhageessaa? eeyyen nan dhaga'a jedhe, isaanis waamaa gara salaataatti waamuuf owwaadhu jedhaniin.

فوائد الحديث

Salaanni jamaa'aa dirqama ta'uu agarsiisa, eeyyamni waan dirqamaa irraa malee waan hin taaneef jecha.

Jechi isaanii "owwaadhu" jedhu nama waamicha dhaga'u irratti salaanni jamaa'aa dirqama ta'uu agarsiisa; ajaja keessatti bu'uurri dirqamummaaf waan ta'eef jecha.

التصنيفات

sadrkaa salaata jamaa'aatiifii seera isii