إعدادات العرض
Yaa Rabbi nama dhimma ummata kootii irraa waan tokko irratti muudamee isaan rakkise ati isa rakkisi, nama dhimma ummata kootii irraa waan tokko irratti muudamee isaanitti laaffise ati isatti laaffisi
Yaa Rabbi nama dhimma ummata kootii irraa waan tokko irratti muudamee isaan rakkise ati isa rakkisi, nama dhimma ummata kootii irraa waan tokko irratti muudamee isaanitti laaffise ati isatti laaffisi
Aa'ishaa irraa odeeffamee -Rabbiin isii irraa haa jaallatu- ni jette: Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mana koo kana keessati akkas jedhuun dhaga'e: "Yaa Rabbi nama dhimma ummata kootii irraa waan tokko irratti muudamee isaan rakkise ati isa rakkisi, nama dhimma ummata kootii irraa waan tokko irratti muudamee isaanitti laaffise ati isatti laaffisi".
[sirrii] [Muslimtu gabaase]
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी Kurdî Hausa Português മലയാളം తెలుగు Kiswahili தமிழ் မြန်မာ Deutsch 日本語 پښتو Tiếng Việt অসমীয়া Shqip Svenska Čeština ગુજરાતી Yorùbá Nederlands ئۇيغۇرچە සිංහල دری Fulfulde Magyar ಕನ್ನಡ Кыргызча Lietuvių or Română Kinyarwanda Српски O‘zbek Moore नेपाली тоҷикӣ Wolof Soomaali Български Українська Azərbaycan ქართული bm Македонски Ελληνικά ភាសាខ្មែរ አማርኛ Malagasyالشرح
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hunda nama dhimmoota muslimootaa irraa dhimma tokko irratti muudamee xiqqaas ta'ee guddaa, muudamni kun muudama walii galaas ta'ee yookaan muudama hanga murtaa'e tokkos haa ta'uu, yoo isaanitti laaffisuu dhiisee rakkina, gadadoo fi dhiphina isaanitti galche, Rabbiin ol ta'e fakkaataa hojii isaatiin isa irratti dhiphisuun galata akka isaaf galchu irratti kadhatan. Namni isaanif laphee baatee dhimmoota isaaniis laaffiseef Rabbiin isatti laaffisee dhimmoota isaas akka isaaf laaffisu kadhataniif.فوائد الحديث
Namni dhimma muslimootaa irraa waan tokko irratti muudame hanga danda'een isaanitti laaffisuun isa irratti dirqama.
Mindaan fakkaataadhuma hojiitiidha.
Madaalliin laaffisuu irraa yookaan dhiphisuu irraa waan ilaalamuu inni Qur'aanaa fi Hadiisa waan hin faallessiniini.